Fana: At a Speed of Life!

Liigiin Musiliimoota Idil Addunyaa hoggantoota Ministeera Nageenyaa waliin mari’ate

Finfinnee, Amajjii 4, 2015 (FBC) – Qindeessummaa Pireezidaantii Dhimmoota Islaamumnaa Waliigalaa Ityoophiyaa Sheek Hajii Ibraahiim Tufaan Liigiin Musiliimoota Idil Addunyaa hoggantoota Ministeera Nageenyaa waliin mari’ateera.

Jilli Liigii Musiliimoota Idil Addunyaatti Qindeessaa olaanaa Awurooppaa fi Ameerikaa fi gorsaan Barreessaa Olaanaa Liigii Islaamummaa Dooktar Abduul Aziiz Saarihaaniin durfamu Ministir Deetaa Ministeera Nageentaa Obbo Taayyee Danda’aa waliin mari’ataniiru.

Karoora hojii hunda galeessa,Fayyaa fi barnootarratti biyyattiin yeroo itti aanu hojjechuuf karooraffatteratti mari’ataniiru.

Dhimmoota yeroo itti aanu hojjetamuuf karoorfamerratti waloon hojjechuuf qophummaan jiraachuu Obbo Taayyeen ibsuu ragaan Ministeera Nageenyarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.