Fana: At a Speed of Life!

Liyoonel Meesiin yeroo 8ffaaf Baalaandooriin injifate

Finfinnee, Onkololeessa 19, 2016 (FBC)- Liyoonel Meesiin yeroo 8ffaaf badhaasa Baalaandoorii 2023 injifateera.

Sirni badhaasa Baalaandoor 2022/2023 Faransaay Magaalaa Paariisitti gaggeeffameera.

Haaluma kanaan dhiiraan taphataan sarara fuulduraa lammii Arjantiiinaa Liyoonel Meesiin taphataa filatamaa jedhamuun yeroo 8ffaaf Badhaasa Baalaandoor injifachuu danda’eera.

Kilaba Ameerikaa Intarmiyaamiif taphachaa kan jiru Liyoonel Meesiin tapha Waancaa Addunyaa Kuwaataaritti taphatameen Garee Kubbaa Miilaa Arjantiiinaa waliin shaampiyoonaa Addunyaa ta’uun ni yaadatama.

Gama dubartootaan ammoo taphattuun urjii lammii Ispeen Ayitaanaa Boonmaatik badhaasa Baalaandoor injifatteetti.

Kan Umriin 25 Boonmaatik Garee Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Ispeen waliin tapha Waancaa Addunyaa dubartootaa injifachuu dandeesseetti.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.