Fana: At a Speed of Life!

Loltoonni NATO Yuukreen tumsuuf kan bobba’an taanaan haalli walxaxaa fi rakkisaa ta’e uumamuu danda’a – Raashiyaa

Finfinnee, Guraandhala 20, 2016 (FBC) – Loltoonni Dhaabbata Waadaa Kaaba Atilaantiik (NATO) Yukreen tumsuuf kan bobba’an taanaan addunyarratti haalli walxaxaa fi rakkisaa ta’e uumamuu akka danda’u Raashiyaan hubachiifte.

NATOn waraana lafoo Yuukree keessatti bobbaasuu akka danda’u Pireezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakroon Walga’ii Hoggantoota biyyoota Awuroopparratti ibsa taasiisan hordofee Raashiyaan akeekkachiisa kana laachuu ibsameera.

NATOn waraana isaa Yuukreen keessatti bobbaase taataan kallattiin Mooskorratti waraana akka labseetti kan fudhatamu ta’uu Itti Aanaa Af Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Raashiyaa Koonistaantiin Koosaachoov ibsaniiru.

Yaadni NATO kun hojiitti hiikamnaan addunyaarratti haalli walxaxaa fi rakkisee ta’e uumamuu akka malu akeekkachiisuu RTn gabaaseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.