Fana: At a Speed of Life!

Lubni Balaay Makonniin yakka Sanada Sobaa daddabarsa Doolaaraan shakkaman akka qoratamu yeroon qorannoo eeyamame

Finfinnee, Ebla 10, 2016 (FBC) – Manni Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa Dhaddachi Ramaddii Yeroo Beellamaa Araadaa Lubni Balaay Makonniin yakka Sanada Sobaa daddabarsa Doolaaraan shakkaman akka qoratamu yeroo qorannoo eeyamameera.
Lubni Balaay Makonniin guyyaa dheengaddaa Baankii Daldala Itiyoophiyaa Mooraa Gamtaa Afrikaa keessatti argamutti qaaman argamuun sanada sobaan Doolaara miiliyoona 6 fi kuma 50 Dhaabbilee fi namoota dhuunfaa 3’f daddabarsuuf waayita jedhan qaamolee nageenyaa Gamtaa Afrikaan to’atamuun Poolisii Federaalaaf dabarfamuun kennamuu ibsameera.
Yakka ittiin shakkamaniin Dhaddachaaf dhiyaachuu isaanii himameera.
Haaluma kanaan Poolisiin dhimmicha qulqulleessuuf guyyaa qorannoo 14 gaafateera.
Lubni Balaay Makonniin dhimmicha raawwachuu amanuun, garuu yakka hin raawwanne jechuun dhimmicha hubachiisaniiru.
Mirgi Wabiis akka eegamuuf gaafataniiru.
Falmii dhiyaate bitaa fi mirga kan ilaale Dhaddachi yeroo beellamaa kun gaaffii mirga wabii shakkamaan dhiyeessan kuffisuun, Poolisiin dhimmicha akka qoratu guyyoota 7 eeyyameera.
Taarik Addunyaatu gabaase.
#Oromia#Ethiopia
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.