Fana: At a Speed of Life!

Lubni Balaay Makonniin yakka shakkamaniin yeroo 2ffaaf Mana Murtiitti dhiyaatan

Finfinnee, Ebla 16, 2016 (FBC) – Manni Murtii sadarkaa jalqabaa Dhaddachi Ramaddii beellamaa Araadaa Luba Balaay Makonniin dabalatee Galmee namoota dhuunfaa 3 har’a yeroo 2ffaaf ilaaleera.
Lubni Balaay Makonniin torbee tokko dura Baankii Daldala Itiyoophiyaa Mooraa Gamtaa Afrikaa keessatti argamutti qaaman argamuun sanada sobaan Doolaara miiliyoona 6 fi kuma 50 Dhaabbata tokkoo fi namoota dhuunfaa 3’f daddabarsuuf waayita jedhan qaamolee nageenyaa Gamtaa Afrikaan to’atamuun Poolisii Federaalaaf dabarfamuun kennamuun kan yaadatamuudha.
Yakka shakkamaniin mana murtiif dhiyaachuun Poolisiin dhimmicha akka qoratu yeroon qorannoo guyyoota 7 eeyyamamee ture.
Guyyaa har’aas yeroo 2ffaaf Mana Murtiif dhiyaataniiru.
Poolisiin dhimmoonni dabalataan qulqullaa’uu qaban hedduun jiraachuu hordofee yeroon qorannoo dabalataa akka kennamuuf gaafateera.
Lubni Balaay Makonniin gama isaaniin yakkicha hin raawwanne jechuun waakkatanii mirgi wabii akka eeeyyamamuuf gaafataniiru.
Dhaddachichi falmii bitaa mirgaa erga ilaalee booda gaaffii mirga wabii shakkamaan dhiyeessan kuffisuun Poolisiin dhimmoota qulqullaa’uu qaban akka qulqulleessuu guyyoota dabalataa 8 eeyyameera.
Taarik Addunyaatu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.