Fana: At a Speed of Life!

Maanchiister Yuunaayitiid 0 – 3 Maanchiisteer Siitii

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2016 (FBC) – Taphni darbii Maanchuriyaan olaantummaa Maanchiisteer Siitiin xumurameera.

Taphoota Pirimaayeer Liigii Ingilaandi torbee 10ffaan taphni Kilaboota masaanuu lamaan gidduutti gaggeeffame olaantummaa siitiin xumurameera.

Maanchiisteer Siitiin gooliwwan Haalaand galche 2 fi Foodan goolii 1 galcheen masaanuu isaa Maanchiister Yuunaayitiid goolii 3 fi 0n injifateera.

Kilabootni lamaan hanga ammaatti yeroo 191 walmorkachuun Maanchiistar Yuunayitid yeroo 78, Siitiin yeroo 60 injifachuun yeroo 53 qixa bahaniiru.

Taphoota biroo har’a taphatameen Liivar Puul goolii 3 fi 0n Nootiingihaam Foreesti yoo injifatu, Astoon Viillaan goolii 3 fi 1n Luutoon Taawan injifateera.

Eevartanis goolii 1 fi 0n Weestehaam Yuunaayitiid injifateera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.