Fana: At a Speed of Life!

Maangoon “Tommy Atkins” hektaaratti kuntaala 220 ol argamsiisa jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2015 (FBC)- Sanyii Fooyya’aan Maangoo “Tommy Atkins” hektaara tokkorraa kuntaala 220 ol akka argamsiisu eerame.

Giddugalli Qorannoo Qonnaa Machaaraa sanyii fooyya’aa Maangoo, “Tommy Atkins” (Grafted Tommy Atkins) jedhamu omisha gaarii kennuu danda’u qorachuun babal’isuun qonnaan bultoota fayyadamtootaa taasisaa jiraachuu beeksiseera.

Haaluma kanaan sanyiin fooyya’aan Maangoo giddugalichaan bahe bu’aa olaanaa argamsiisuun ibsameera.

Sanyiin maangoo kun heektara tokkorraa omisha kuntaala 220-250 kan kennuu danda’uu fi dhukkuba kan dandamatuudha jedhameera.

Giddugallichi qonnaan bulaaf raabsuun jiruu fi jireenyi isaanii fooyyessuuf shoora isaa bahachaa jiraachuu eeruu ragaan Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaarra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.