Fana: At a Speed of Life!

Maanguddoo umrii waggaa 90 Maqaa Meesii yaamuun ugguramuurraa oolaan

Finfinnee, Guraandhala 29, 2016 (FBC) – Maanguddoon umrii waggaa 90 Maqaa Liyooneel Meesii yaamuun Hamaasiin ugguramuurraa ooluun isaanii ijoo dubbii ta’eera.
Bara Faranjootaa 2023 Onkololeessa 7 Waayita Hamaas Isiraa’eelirratti haleellaa raawwate Maanguddoo umrii waggaa 90 Maqaa taphataa sarara fulduraa Arjentiinaa Liyooneel Meesii yaamuun ugguramuurraa ooluu ibsameera.
Waayita gareen Hidhattoota Hamaas maatii isaanii 8 waliin ugguruuf jedhan Maanguddoon kun ‘Ani Lammii Arjentiinaati, Kubbaa Miilaa hedduun jaaladha, Liyooneel Meesii ammoo baay’een dinqisiifadha’ jechuun hubachiisan.
Hidhattoonni kunneenis Maanguddoo kana Ugguruurra waliin Suuraa ka’uun maatii isaanii waliin 8 dhiisanii deemuu ibsameera.
‘Hidhataan nu ugguruuf ture Arjentiinaan maal jedhee na gaafate, Kubbaa ni ilaaltaa? Arjentiinaan biyya Liyooneel Meesiiti jedheen deebiseef ,innis Meesii akka jaalatu natti himee, meeshaa isaa gateettii koorra kaa’uun Suuraa nawaliin ka’uu nagaa natti dhaamuun deeme’ jechuun maanguddoon umrii waggaa 90 kun kaleessa ‘Maarkaatti’ himaniiru.
Oduun kun erga qilleensarraa oolee Liyooneel Meesiin dhimmicha ilaalchisee hanga ammaatti waan dubbate hin qabu jedhame.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.