Fana: At a Speed of Life!

Maanguddoon Umrii waggaa 117 guyyaa dhaloota isaanii kabajatan

Finfinnee, Guraandhala 26, 2016 (FBC) – Lammiin Ispeen Maanguddoon Umrii dheertuu Addunyaa guyyaa dhaloota isaanii waggaa 117ffaa kabajataniiru.

Maanguddoon Maariyaa Biraaniyaas Mooreeraa jedhaman kun bara Faranjootaa 1907 Sanfiraansiisitti dhalachuun umrii waggaa 8ffaa isaaniitti gara Ispeen imaluun Kaataalooniyaanii keessa jiraachaa jiru jedhame.

Maanguddoon kun addunyaarratti nama umrii dheeraa jiraatan jedhamuun Galmee Dinqisiisoorratti maqaa isaanii galmeessaniiru.

Mooreeraan guyyaa dhaloota isaanii waggaa 117ffaa haala gaariin maatii fi firroottan isaanii waliin kabajachaa jiraachuu eerameera.

Maanguddoon kun deeggarsa Intala isaanii umrii waggaa 80 tokkoon miidiyaalee hawaasummaa fayyadamaa jiraachuu eerameera.

Fuula Tiwiitarii isaaniin ‘baga guyyaa dhalootaa koo waggaa 117ffaa geessan’ jechuun ergaa dabarsuu UPI gabaaseera

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.