Fana: At a Speed of Life!

Maashinaroonni sadarkaan qulqullina isaanii gadi aanaa ta’an 130 hojiin ala taasifaman

Finfinnee, Bitootessa 16, 2014 (FBC) – Maashinaroonni sadarkaan qulqullina isaanii gadi aanaa ta’an 130 hojiin ala taasifamuu fi hojiileen ijaarsa gamoowwan 5 sababa hanqina qulqullinaa akka diigaman taasifamuu Abbaan Taayitaa Konistiraakshinii Ityoophiyaa beeksise.

Abbaan taayitichaa haala damicha cimsuun danda’amurratti qamolee dhimmamtootaa waliin magaalaa Dasseetti mari’ateera.

Rakkoolee damee konistiraakshiniin mudatan furuuf qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi waliin hojjechuu akka qaban ibsameera.

Abbootiin qabeenyaa damichaarratti bobba’an, gorsitoonnii fi dhaabbileen ijaarsaa waliin ta’uun rakkoo damichaa furuuf hojjechuu akka qaban Daayrektarri olaanaan abbaa taayitichaa obbo Masfin Nagawoon ibsaniiru.

Abbaan taayitichaa waggoottan sadan darbanitti hojii diizaayinii proojektiiwwan 381 hojjechuu fi proojektiiwwan 151 irratti to’annoo gaggeesuu ibsameera.

Kadir Mahaammadii fi Allabbaachaw Abaataatu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.