Fana: At a Speed of Life!

Maaykiroosooft qonnaan bultoota Afrikaatif deeggarsa ogummaa teeknooloojii fi infoormeeshinii dhiyeessufi

Finfinnee, Muddee 8, 2012 (FBC) – Maaykiroosooft qonnaan bultoota Afrikaatif deeggarsa ogummaa teeknooloojii fi infoormeeshinii dhiyeessufi.

Dhaabbatichi deeggarsa kana taasisuuf kan murteesse Baankiin Addunyaa waamicha dhiyeesseni.

Baankichi qonnaan bultoonni Afrikaa miiliyoona 1 ta’an oomishtummaan isaanii akka dabaluu fi rakkoo dandamachuu akka danda’an deeggaruuf murteessera.

Haaluma kanaan Maayikiroosooft kalaqoota Keeniyaa 14f deeggarsa teeknikaa fi daldalaa ni laata jedhameera.

Hojiin deeggarsaa kun kalaqxoota waliin tumsaan kan hojjetamudha.

Misooma bishaanii, jijjiirrama qabeenya qilleensaa, eegumsa qabeenya uumamaa fi hojii qonnaa gabbisuu fi rakkoolee gama kanaan mudataniif furmaata laachuuf Doolaarri Ameerikaa miiliyoonni 50 ramadameera.

Maayikiroosooft biyyoota 11tti Warraaqsa Magariisummaa Afrikaa waliin tumsaan hojjechuuf waliigalteerra ega ga’ame baatii 3 ta’eera.

Sagantichaan gabaa nyaata Afrikaa amma Doolaara Ameerikaa biiliyoona 300 irra jiru, 2030tti Doolaara tiriiliyoona 1 oliin ga’uuf gargaara jedhameera.

Maddi; Afriikaa Biiznas Koomyuuniitii

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.