Fana: At a Speed of Life!

Maaykiroosooft rakkina appilikeeshinii wiindoows 10 qunname hiike

Finfinnee, Amajjii 28, 2012 (FBC) – Maaykiroosooft rakkina appilikeeshinii windoows 10 qunnamee ture hiikuusaa ibseera.

Fayyadamtoonni hedduun appilikeeshinichi guyyaa kaleessaarraa eegalee hojii dhaabuu himaniiru.

Akka fayyadamtoonni ibsanitti deeskitooppiin ajaja odeeffannoo barbaacha yoo gaafatan waan barbaadan argachuurra saanduqa duwwaa argachaa turan.

Dhaabbatichi gabaasa fayyadamtootarraa argateen turtiidhan booddee rakkina fayyadamtootaa furuu beeksiseera.

Haata’uutii, koompiiwtaroota tokko tokkorratti irra deebiin eegalchiisuu (restart) akka isaan gaafatu ibsameera.

Appilikeeshiniin windoows 10 fayyadamtoota miiliyoona dhibba 8 ol qaba.

Maddi:- BBC

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.