Fana: At a Speed of Life!

Madda anniisaa ifa aduu ‘oof griidii’ naannoo Oromiyaa godina Baaleetti eegalame xumuruuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Bitooteessa 9, 2012 (FBC) – Madda anniisaa ifa aduu ‘oof griidii’ naannoo Oromiyaa godina Baaleetti eegalame xumuruuf hojjetamaa jira.

Tajajailichi naannolee baadiyyaa humni elektiriikaa biyyoolessaa hin qaqqabne qaqqabsiisuuf hojjeta.

Ijaarsi madda anniisichaa akka moodeeliitti gandootaa fi magaalota baadiyyaa 12 naannoo Oromiyaa, Somaalee, Amaaraa, Kibba, Afaar, Tigraay, Beenishaanguul keessatti argaman fayyadamoo taasisa.

Proojaktichi godina Baalee aanaa Laga Hidhaa magaalaa Beeltuu fi ganda Himaatti hojjetama ajira.

Magaalaa Beeltuutti hojiin sarara kiilo meetira 3, diriirsi sarara jiddugaleessaa kiilo meetira 19, dhaabbiin mukkeen elektiriikaa 418 hojjetameera.

Hojichi yammuu xumuramu kiilo waatii 750 kan maddisiisu ta’uu Tajaajilli Elektiriikaa Ityoophiyaa beeksiseera.

Ganda Himaatti diriirsi sarara kiilo meetira 18, dhaabbiin mukkeen elektiriikaa 400 hojjetameera.

Hojichi yammuu xumuramu kiilo waatii 200 maddisiisa.

Hojicha dhaabbata Chaayinaa Nooriinkoo jedhutu deeggarsa maallaqaa Baankii Addunyaarraa argame Doolaara Ameerikaa miiliyoona 2.3 fi baasii mootummaa Ityoophiyaa Birrii miiliyoona 7.4 hojjetamaa jira.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.