Fana: At a Speed of Life!

Madda gootummaa kan ta’e Raayyaa Ittisaa biyyaaf beekkamtii laachuun biyya boonsudha – Fiild maarshaal Birihaanuu Juulaa

Finfinnee, Amajjii 22, 2014 (FBC) – Garee Shororkeessaa ABUT barbadeessuun hojii boonsaa kan hojjete madda gootummaa Ityoophiyaa Raayyaa Ittisaa biyyaaf beekkamtii laachuun biyya boonsuu ta’uu Fiild Maarshaal Birihaanuu Juulaan ibsaniiru.

Ajaje Giddu galeessatti miseensotaa fi hoggantoota Raayyaa Ittisa Biyyaa raawwii hojii gaarii galmeessaniif har’a beekkamtii, Badhaasnii fi Guddinni sadarkaa laatameera.

Raayyaan Ittisaa Biyyaa ergama olaantummaa seeraa kabachiisuu fi Duula tokkummaa sabdaneessaa injifannoon xumuruu Itaamaajoor Shuumiin Humna Waraanaa waliigalaa Ityoophiyaa Fiild Maarshaal Birihaanuu Juulaan ibsaniiru.

Raayyaan Ittisa Biyyaa shira biyya diiguu garee shororkeessaa ABUT fashaleessuuf  wareegama olaanaa kaffaluu eeraniiru.

Sirni badhaasa laachuu kun adeemsa ijaarsa Raayyaa Ittisaa waliin cimee kan itti fufu ta’uu Fiild Maarshaal Birihaanuu Juulaan himaniiru.

Miseensotaa fi hoggantoota  Raayyaa Ittisaa waraanarratti hojii gaarii raawwachuun 1ffaa hanga 3ffaa ba’aniif Badhaasni meedaaliyaa fi guddinni sadarkaa laatamuu TOI gabaaseera.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.