Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Dhidhimaa jirtu, Jaakaartaa

Finfinnee, Caamsaa 10, 2015 (FBC) – Baay’ina Ummaataan Addunyaarraa sadarkaa 4ffaarratti kan argamu Magaalaan guddoon Indooneezyiiyaa Jaakaartaan dhidhimaa jiraachuu dhaga’ame.

Magaalaan Jaakaartaa yeroo ammaa magaalaa Ummanni miiliyoonni 30 ol keessa jiraatan ta’uu ishee ibsameera.

Magaalittiin sababa cirama Bosonaa, boo’iwwan dhabamsiisa lolaa fi kanneen biroon dhidhimaa jiraachuu eerameera.

Magaalattiin % 40 qixa galaanaa gaditti kan argamtu ta’uu himameera.

Pireezidaantiin Indooneezyiyaa Jookoo Wiidodoo rakkoo lolaa yeroo baay’ee fi jijjiirama qilleensaa Indooneezhiyaa keessatti mul’atu furuuf tattaaffii adda addaa taasisaa turaniiruu Niwuu Yoork Taayimsi gabaaseera.

Tattaaffiin isaanii kunis magaalaa Jaakaartaa baraaruu hin dandeenye jedhame.

Dhidhimaa jiraachuu magaalattii hordofee odola guddoo addunyaarraa 3ffaa taate Odola Boorniiyoo irratti magaalaa Haaraa hundeessuuf sochiin eegalamuu dubbatameera.

Magaalaa guddoon hundooftu tun Nuusaantaaraa jedhamtee waamamti jedhame.

Magaalaan tun magaalaa guddoo ta’uu isheerra darbee magaala dhidhiphina sochii Tiraafikaarraa bilisa taate, kan jiraattoonni Biskileettii qofaan keessa bashannanan magaalaa Teeknooliijii taati jedhame.

Magaalaa Nuusaantaaraan Gamoon osoo hin taane, aadaa hojii haaraa, yaada haaraa fi diinagdee magariisaa haaraa taatee ijaaramti jedhameera.

Bara dhufu Baatii Hagayyaa eegalee Jaakaartaa magaalaa guddummaa ishee Nuusaantaaraaf dabarsiti amantaan jedhu jiraachuu eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.