Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Dirree dawaatti projaktoonni ijaarsi isaanii xumurame eebbifame

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2013 (FBC) –Bulchiinsi Magaalaa Dirree Dawaa projaktoota ijaarsi isaani xumurame eebbisiise.

Ganda Indastirittii kan ijaarame Biiroo Misooma Lafaa baasii Birrii miiliyoona 64 kan itti bahe gamoo akka darbii 3 akkasumaas buufata fayyaa fi mana barumsaa sadarkaa 1ffaa Gooroo eebbisiiseera.

Hojii mootummaa garagaraaf kan oolan konkolaattoota piik’aap 40, konkolaattoota balaa abiddaa 2, konkolaataa bishaan deddeebisu 2, konkolaataa balfa gogaa 10, konkolaataa foon deddeebisu 4 tajaajilaaf qophii ta’aniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.