Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti dargaggoota adda waraanaa garaagaraatti makaman waliin mari’atame

Finfinnee, Fulbaana 3, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti mata duree ‘dargaggoota duultootaa’ jedhuun dargaggoota adda waraanaa garaagaraatti makaman waliin mari’atameera.
Dargaggoonni kunneen iddoolee qaamolee biyya diiguuf socho’aa jiran hundatti hirmaachuun birmadummaa Ityoophiyaa kabachiisuuf qophii ta’uu ibsameera.
Waltajji kanarratti dargaggoonni 500 ol hirmaachuu ibsameera.
Namoonni bebbeekkamoon waltajjiirratti argamuun haasawa jaalala biyyaa cimsaniif miira kakaasan taasiisuu himameera.
Qonjiit Zawdeetu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.