Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti karoorri raawwii tarsiimoo nageenya daandii bara 2013 hanga 2015tti raawwatu ifoome

Finfinnee, Fulbaana 4, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti karoorri raawwii tarsiimoo nageenya daandii bara 2013 hanga 2015tti raawwatu ifoome.

Karoorichi rakkina daandii magaalichatti muldhatu furuuf akkasumaas dhiyeessii geejjibaa eegalee diriirfama misooma bu’uura daandii fi sirna geejjibaa walxaxaa karaa hundeen furuuf kan dandeesisudha jedhame.

Karoora haaraa raawwachiiftuun damee geejjibaa magaalicharratti dhaabbilee bobba’an, qaamolee dhimmi ilaalatu, dhaabbilee tumsitootaa fi hawaasni balaa tiraafikaa ittisuuf itti gaafatamummaa akka ba’atan himameera.

Waltajicharratti haasaa kan taasisaan Itti Aantuun Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee balaan tiraafikaa dhimmoota dinaagdee fi hawaasummaarratti dhiibbaan qaqqabsiisu olaanaa ta’uun qaamooleen hundi tumsa taasisuu akka qaban eeraniiru.

Akkasumaas, daandii nageenyi isaa eeggamee fi rakkoo tiraafikarra bilisa ta’e akka jiraatuuf qaamni hundi tumsuu qaba jedhaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.