Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Finfinneetti qaamolee seeraan ala weerara lafaa keessatti hirmaatanirratti tarkaanfi fudhatamuu eegale

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2014 (FBC) – Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee qaamolee seeraan ala weerara lafaa gaggeessanirratti tarkaanfii fudhachuu eegaluu beeksiise.
Baatiwwan arfan darban koreen qindaa’uun dhimmicharratti qorannoo gaggeessaa turuu Sadarkaa Itti aanaa Kaantibaatti Hojii Gaggeessaan mana qopheessaa magaalaa Finfinnee obbo Xiraatuu Bayyanaan ibsaniiru.
Qajeelfama itti fayyadamaa lafaa qonnaan bulaaf qophaa’e daheeffachuu lafti hektaarri 20.7 seeraan ala dabarfamuu qorannichaan mirkanaa’uu kaasaniiru.
Iddooleen 457 baankii lafaa galuu osoo qabuu qaamolee mirqa hin qabneef dabarfamuu obbo Xiraatuu eeraniiru.
Iddoolee tajaajila hawaasaa waloo fi magariisummaa magaalaaf qophaa’anirratti weerarri seeraana alaa raawwatamuu kaasaniiru.
Iddooleen magariisummaa 252 yookaa karee meetirri kumni 57 ol maqaa qonnaan bulaa daheeffachuun qaama biroof dabarmanii argamuu eeraniiru.
Gochaa kana ogeeyyii fi raawwachiiftoonni waliin ta’uun kan raawwatan ta’uu mirkanaa’eera jedhan obbo Xiraatuun.
Qaamolee kanneen seeratti dhiyeessuun eegalamuu kaasaniiru.
Tigisti Silashiitu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.