Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Goobbaatti namoonni meeshaalee waraanaa dhoksuun argaman to’annaa jala oolan

Finfinnee, Sadaasa 17, 2014 (FBC)- Godina Baalee Magaalaa Goobbaatti namoonni dhuunfaa meeshaalee waraanaa dhoksuunii fi daddabarsuun  argaman to’annaa jala ooluu ibsameera.

Poolisiin qajeelfama labsii yeroo ariifachiisaa bu’uura godhachuun Sakattoo manaa manattii gaggeesseen namoonni dhuunfaa meeshaalee waraanaa dhoksuun argaman to’annaa jala ooluu Itti aanaan Daayktera waajjira Poolisii magaalichaa saajiin olaanaan Ingidaa Ammahaa ibsaniiru.

Bifuma walfakkaatuun sakattoo sochii magaalaan taasifameen namoonni dhuunfaa meeshaalee waraanaa daddabarsan to’atamuu dubbataniiru.

Meeshaaleen to’atamanis Kilaashinkoovii dabalatee rasaasawwan garaagaraa, shugguxiiwwanii fi Manatsarii dirree waraanaa ta’uu eerameera.

Maddi:- TOI

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.