Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Hawaasaattii Agarsiifni Baazaarii baname

Finfinnee, Eebla 24, 2015 (FBC) – Qopheessummaa Biiroo Daldalaa fi Indaastirii Naannoo Sidaamaan agarsiifni Baazaarii oomishtoota Indaastirii biyyaa keesaa 120 hirmaachise magaalaa Hawaasaatti banameera.

Af Yaa’iin Mana Maree naannichaa Aadde Fantaayee Kabbadaan, oomishaalee Alaa galan hir’isuuf omishaaleen Indaastirii shoora olaanaa qabaachuu himaniiru.

Baazaarichi mata duree ‘’Oomishaalee Indaastirriiwwan keenyaa Badhaadhina keenyaaf ‘’jedhuun gagggeeffamaa jiraachuun ibsameera.

Hogganaan Biiroo Daldalaa fi Indaastirii Naannoo Sidaamaa Obbo Ashaagiree Jambaree Faanaa Biroodkastingi Korpooreetif akka ibsanitti,naannichatti Indaastiriwwan kuma 1 fi 81 jira.

Indaastiriwwan naannicha keessa jiran qulqullinaan akka oomishaaniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Baazaarichi guyyoota 4’f kan turuu ta’uus eeraniiru.

Xilaahuun Yilmaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.