Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Roobeetti abbootiin Qabeenyaa 110 kaappitaalaa Birrii biiliyoona 2.5 galmeessisan hojiilee Invastimantiirratti bobba’uu ibsame

Finfinnee, Bitootessa1, 2015 (FBC) – Bulchiinsa Magaalaa Roobeetti abbootiin qabeenyaa 110 Kaappitaala Birrii biliyoona 2.5 ol galmeessisan hojii Invastimantii garaagaraarratti bobba’anii hojjechaa jiraachuu eerameera.

Bu’a qabeessummaa hojii invastimantii Magaalichaa pilaanii haaraa waliin qindeessuun hojetamaa jiraachuu Kantiibaan Magaalaa Roobee Obbo Nigaatuu Mootummaa Magaalaa ibsaniiru.

Itti gaafatamaan waajjira Invastimantii Magaalichaa Obbo Zakaariyaa Abduurriin gama isaaniin abbootii qabeenyaa misoomawaa simachuuf ammallee haalli mijataan jiraachuu dubbataniiru.

Kanneen maqaa invastimantiitiin lafa fudhatanii gara hojiitti hin gallerratti akkaataa qajeelfamaatiin tarkaanfiin fudhatamaa jiraachuu eeraniiru.

Abbootiin qabeenyaa hojiirra jiran namoota kuma 2 fi 500 oliif carraa hojii uumuu ibsameera.

Geetaachaw Mul’ataatu gabaase.

#Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dab’u kanneen beealataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.