Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Sabbataatti proojektoonni misoomaa garaagaraa 20 eebbifaman

Finfinnee, Adooleessa 4, 2013 (FBC) – Manni barusmsaa Ifa Boruu Diimaa sabbataa dabalatee proojektoonni misoomaa 20 ta’an bakka preezdaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa argamanitti eebbifamamaniiru.

Manneen barnootaa ifa boruu akkuma maqaa isaanii uummata keenyaaf ifa akka ta’an karoorfamee hojjeetamaa jiraachuu obbo Shimallis ibsaniiru.

Gara fulduraatti hojii kana caalu hojjechuun fayyadamummaa ummata caalmaatti mirkaneessuuf ni hojjenna jedhan.

Carraawwan namoota dhuunfaa ,hawaasa bal’aa fi mootummaa bira jiran qindeessuun barbaachisaa ta’uu himaniiru.
Akka Magaalaa sabbataatti marsaa 2ffaan proojektoonni baay’inni isaanii 20 birrii miiliyoona dhibba 4 fi miiliyoona 50 oliin ijaaraman xumuraman tajaajilaaf banaa ta’uu Kaantiibaan bulchiinsa magaalaa sabbataa obbo Birihaanuu Baqqalaa himaniiru.

Akka magaalichaatti marsaa 1ffaa fi 2ffaan proojektoonni 70 birrii biiliyoona 1.2n hojjetamuu ibsaniiru.

Preezdaant Shimallis mana barnootichaa keessa biqiltuu dhaabuun hawaasni duula ashaaraa magariisaa ganna bara kanaarratti akka hirmaataniif waamicha dhiyeessaniiru.

Gama biraatinis ganna kana manneen barnootaa bu’uura boruu kan idileen duraa kuma 3 ijaaruuf karoorfamuu dubbatan.

Hawaasni galma gahiinsa hojii kanaaf gumaacha barbaachisu akka taasisu dhaamaniiru.

Leensaa Dirribaatu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.