Fana: At a Speed of Life!

Magaalichaatti shakkamtoonni gareen gurmaa’uun yakka ajjeechaa fi saamichaa raawwataa turan 53 to’annoo jala oolan – Poolisii

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti shakkamtoonni gareen gurmaa’uun yakka ajjeechaa fi saamichaa raawwataa turan 53 to’annoo jala ooluu Komishiniin Poolisii Magaalaa Finfinnee beeksiise.

Sakattoo fi Hordoffii cimaa taasiifameen qaamoleen dhuufan yakkaa saamichaa fi ajjeechaa raawwata turan 53 to’atamuu ibsameera.

Shakkamtoonni kunneen daraan balaafamoo fi irra deddeebiin yakka hammaataa raawwachuu isaanii ragaa ashaaraa qubaarra argameen mirkanaa’uu Komishinichi ibseera.

Kanneen keessaa rikkaardiin yakka ashaaraa qubaa si’a 55, 30 fi 10 kan irratti galmaa’e argamuu ibsameera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.