Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti dhorkiin tajaajila lafaa fi dhimma lafaan wal qabatan irra ture ka’e

Finfinnee, Guraandhala 30, 2015 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti dhorkiin tajaajila lafaa fi dhimma lafaan wal qabatan irra kaa’amee ture ka’uu Biiroon Bulchiinsaa Lafaa magaalichaa beeksise.

Hogganaan biiricha Obbo Qana’aa Yaadataan ibsa Faanaa Biroodkaastiing koorporeetiif kennaniin, tajaajila lafaa fi dhimma lafaan walqabate qulqulleessuuf dhorkiin yeroof kaa’amee ture ka’uu ibsaniiru.

Dhorkichi guyyaa kaleesaa Guraandhala 29 ,2015 irraa eegalee kaa’uus Obbo Qana’aan himaniiru.

Abbaan dhimmaa dhimmoota lafaan walqabatan irratti ,ragaalee guutuu qabachuun qaama dhimmi ilaallatu irraa tajaajila argachuu kan danda’an ta’uu ibsaniiru.

Magaalichatti weerara lafaa ittisuuf tajaajila lafaa fi dhimma lafaan walqabatan irratti dhorkiin Amajjii 14 ,2015 kaa’amuun isaa ni yaadatama.

Malaakuu Gadiftu gabaase.

#Finfinnee

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.