Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti giddugala nyaataa torbaffaa hundeessuuf waliigalteen mallattaa’e

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2014 (FBC) – Biroon Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Hawaasummaa Magaala Finfinnee, Meedirook invastimanti Giruuppi waliin ta’uun Magaalaa Finfinneetti Giddugala nyaataa torbaffaa hundeessuuf waliigaltee mallatteessan.
Waliigaltechi hawaasa guyyatti si’a tokko nyaata argachuu hindandeenyeef nyaata madaalawaa akka argataniif gochuuf kan mallattaa’eedha.
Itti Gaafatamtuun Biiroo Dhimma Dubartootaa, Daa’immanii fi Hawaasummaa Magaalaa Finfinnee Dooktar Haannaa Yashinigus, giddugaloonni ja’a kanaan dura kan hundeeffaman ta’uu fi amma giddugala 7ffaa hundeessuuf waliigaltee mallattaa’e ta’uu kaasaniiru.
Ijaarsa giddugala kanaafis Birrii miiliyoonnni 40 ramadamuu eeran.
Daayrektarri Ittigaafatama Hawaasummaa fi Kominikeeshinii Meedirook Invastimanti Giruuppi Ambaaaddar Alii Suleemaan gama isaaniin, dhaabbatichi magaalichatti lammiilee deeggarsa barbadaniif giddugala ijaaruun sagantaa nyaataa magaalichatti bal’isuun itti gaafatama hawaasumma isaa bahachaa jiraachu ibsaniru.
Waliigaltechaan bakka ijaarsaa mijeessuu fi lammiilee deeggaraaman adda baasuuf bulchiinsi magaalichaa kan hojjetuudha jedhameera.
Naannawaa giddugalichi ijaaramutti abbootii warraa saddeetiif mana jireenyaa ijaaruuf akkasumaas, bakka jiranitti fayyadamtoota misoomaa akka ta’aniif suuqiiwwa 16 ijaaruun kennuu fi mooraa giddugalichaattis qonna magaalaa gaggeessuun bu’aa isaas fayyadamtoota sagantaa nyaataaf akka oolu kan taasisuu ta’uu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.
Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.