Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti hanqina Geejjibaa jiru furuuf baatii itti aanu Awutoobisoonni haaraan 67 gara bobbiitti kan seenan ta’uu ibsame

Finfinnee, Fulbaana 8, 2016 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti hanqina Geejjibaa jiru furuuf baatii itti aanu Awutoobisoonni haaraan 67 gara bobbiitti kan seenan ta’uu Biiroon Geejjibaa magaalichaa beeksiiseera.

Hanqina Geejjibaa magaalicha mudataa jiru furuuf baatii itti aanu keessa Awutoobisoonni haaraan 67 hojii kan eegalan ta’uu Itti Aanaa Hogganaan Biiroo Geejjibaa Magaalaa Finfinnee Injinar Daawwiit Zallaqaan Faanaa Biroodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Konkolaattoonni kunneen bittaan isaanii raawwachuun gara biyyaa geejjibsiifamaa jiraachuu kaasaniiru.

Yeroo ammaa barnoonni eegaluu hordofee hanqina geejjibaa jiru furuuf Awutoobisoota 900 tajaajila kannaa turan dabalataan kanneen suphaan taasiifamaafii ture gara hojiitti deebisuun Konkolaattoonni kumni 1 fi 100 ol bobbiirra jiraachuu kaasaniiru.

Dabalataan Konkolaattoonni Paabliki Sarvisii yeroo boqonnaa isaanii tajaajila geejjibaa akka laatan taasiifamuu kaasaniiru.

Awutoobisoonni 100 ta’an Giddu gala Awutoomootiivii fi Suphaa Bishooftuutti suphaan taasiifamaafii jiru yeroo itti aanu bobbii kan eegalan ta’uu dubbataniiru.

Taarik Addunyaatu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.