Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti proojaktoonni daandiiwwan afur eebbifaman

Finfinnee, Caamsaa 23, 2012 (FBC) –Magaalaa Finfinneetti proojaktoonni daandiiwwan 4 ijaarramaa turan ebbifamaniiru.

Proojaktoota eebbifamaan keessaa manneen jireenyaa waliinii Arraabsaa dheerinaa kiilo meetira 3.3 fi baldhina meetira 30 kan qabuu fi akkasumas manneen jireenyaa waliinii Ayaat dheerinaa kiilo meetira 2.1 fi baldhinaa meetira 20 CMC hanga Ayaatitti daandiiwwan ijaarramaan keessatti haammatamu.

Akkasumas Gaarjii hanga Ityoo Paarent School fi Imbaasii Jibuutii hanga Samiititti kan ijaarrama turaanis eebbifamaniiru.

Sirna eebbicharratti kan argaman itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee Injinaar Taakkaala Uumaan, bulchiinsa magaalichaatti damee geejjibaaf filannoo kan uumaanii fi iddoo manneen jireenyaa daandii ijoo waliin wal qunnamsisaan hojjeechuuf xiyyeeffanoon hojjetama jira jedhaniiru .

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.