Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti qaamoolee daandii ummataa faayidaa dhuunfaf oolchanirratti tarkaanfiin fudhatamuu eegale

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2013 (FBC) – Abbaan Taayitaa Daandiiwwanii magaalaa Finfinnee qaamoolee daandii ummataa faayidaa dhuunfaf oolchanirratti tarkaanfii fudhachuu eegaluu beeksise.
 
Abbaan taayitichaa qaamooleen daandii ummataa dallaan cufuun faayidaa dhuunfaaf oolchan gochicharraa akka of qusatan irra deddeebiin of eeggannoo fi hubannoo laachaa turuu ibseera.
 
Daandiiwwan dallaan, oomishaa fi meeshaalee garaagaraan cufaaman tajaajila ummataaf banaa taasisuuf qaama dhimmi ilaallatu waliin tarkaanfii seeraa fudhachuu eegaluu isaa ibsameera.
 
Kutaa bulchiinsa magaalaa Laaftoo aanaa 03 keessatti tarkaanfiin eegaluu himameera.
 
Daandii ummataa nageenyi isaa eeggame fi tajaajila barbaaddameef oolchuuf tarkaanfiin eegalame cimee kan itti fufu ta’uu ragaan Abbaa taayiticharraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.