Fana: At a Speed of Life!

Magaalli Shaggar kan hundaa’e fedhii fi gaaffii uummata Oromoo deebisuufi – Dooktar Tashoomaa Addunyaa

Finfinnee, Amajjii 24, 2015 (FBC) – Magaalli Shaggar kan hundaa’e fedhii fi gaaffii uummata Oromoo deebisuuf ta’uu Kantiibaan Magaalichaa Dooktar Tashoomaa Addunyaa himan.

Jilli Sadarkaa Itti aanaa Pireezidaantiitti Kantiibaa Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaatiin durfamu sochii hojii qonna magaalaa kutaa Magaalaa Kooyyee Faccee daawwateera.

Qonnaan bultootaaf lafa isaanirratti kaartaa kennuufi manneen barnootaa sirna Gadaa irratti hundaa’uun eenyummaa Oromoo cimsuurratti akka hojjetan taasisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Dooktar Tashoomaan himaniiru.

Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Kooyyee Facceetti Qonnaan bultoonni hojii qonnaa Magaalaa irratti bobba’anii hojjechaa jiran erga Magaalli Shaggar hundaa’ee hojii isaanii haalli mijataan uumamuu dubbataniiru.

Jilli kun mana kitaaba diijitaalaa mana barumsa Tuulluu Diimtuu Sadarkaa 2ffaas dawwachuu OBN gabaaseera.

#Bulchiinsa Magaalaa Shaggar

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.