Fana: At a Speed of Life!

Magaalota jiraattotaaf mijatoo taasisuuf hojjetamaa jira- Aadde Caaltuu Saanii

Finfinnee, Hagayya 3, 2014(FBC)- Magaalota magariisa, miidhagoofi qulqulluu taasisuun jiraattotaaf mijatoo taasisuuf hojjetamaa jiraachuu Ministirri Ministeera Magaalaafi Bu’uuraalee Misoomaa  Aadde Caaltuu Saanii ibsan.

Magaalonni sadarkaa olaanaan guddachaa dhufuun isaanii magaalota miidhagoofi qulqulluu taasisuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Magaalonni garaagaraa hojii balfa goggogaa dhabamsiisuu hojjetaa jiranis gama kanaan hojii guddaan kan hafu ta’uu ibsaniiru.

Balfi madda qabeenyaa ta’uufi carraa hojii kan bane ta’uu magaalonni mul’isa jiraachuu eeruun, ammas taanaan xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu hubatamuu qaba jedhaniiru.

Jiraattonni magaalaas haala dhabamsiisa balfaa sirriitti adda baasuun ga’eesaa ba’achuu akka qabu dhaamaniiru.

Maashiniin balfawwan pilaastikaa daakuun oomisha biraaf oolchu Sagantaa Misooma Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii/ UNDP deeggarsaan argamuu himaniiru.

Deeggarsi maashinichaa magaalota Adaamaa, Dirree Dawaa, Bishooftuu, Baahirdaariifi Hawaasaaf taasifamuu eeranuun, yeroo itti aanutti magaalota biroof waliin gahuuf kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.

Magaalonni guyyaa har’aa maashinoota kanneen fudhatan haala gaariin hojiirra oolchuun itti gaafatamummaa isaanii akka ba’atan yaadachiisaniiru.

Yismaaw Adaraawutu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.