Fana: At a Speed of Life!

Mahaal Meedaa, Caffaa Roobiit,Harbuu fi Makooy harka diinaa jalaa bilisooman

Finfinnee, Sadaasa 24, 2014 (FBC) – Mahaal Meedaa, Caffaa Roobit, Harbuu fi Makooy harka diinaa jalaa bilisoomuu Tajaajjilli Kominikeeshinii mootummaa beeksiise.

Humni nageenyaa Muummee Ministiraa FDRI Abiy Ahimadiin durfamu iddoolee garee shororkeessaa ABUTtiin qabamanii turan Magaalaa Mahaal Meedaa, Caffaa Roobiit, Harbuu fi Makooy biloomsuu ibseera.

Humni nageenyaa kunneen harcaatoota garichaa hordofuun guuraa jiraachuu Tajaajjilli Kominikeeshinii mootummaa himeera.

Garichi qabeenya ummataa fi mootummaa saamee kaan ammoo barbadeessee akka hin baanee fi meeshaalee waraanaa fudhatee akka hin baane ummanni gurmaa’uun daandii cufee qolachuu akka qabu waamichi dhiyaateera.

Uummanni Miseensota garee kanaa bakkaa bakkatti bittinnaa’anii jiran adamsuun booji’uu, kanneen harka laachuu didanirratti ammoo tarkaanfii akka fudhatu waamichi taasiifameera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.