Fana: At a Speed of Life!

Mana Barnootaa Bultii Adda WMO’f deeggarsii Birrii miiliyoona 22 olitti tilmaamamu taasifame

Finfinnee, Ebla 20, 2016 (FBC)- Mana Barnootaa Bultii Adda Waldaa Misooma Oromiyaaf deeggarsi maallaqaa fi akaakuu garaagaraa Birrii miiliyoona 22 olitti tilmaamamu taasifameera.

Wal harkaa fuudhinsi deeggarsa Mana Barumsa Bultii Addaa WMO Bultii Addaa Damee Bishooftuutti gaggeeffameera.

Haaluma kanaan deeggarsi xaafii kuntaala 938, maallaqa calla Birrii miiliyoona 10.6, sukkaara kuntaala 50 fi sangoota 6 waliigalaan deeggarsa Birrii miiliyoonaa 22.1 olitti tilmaamamu gumaachameera.

Saganticharratti Walitti Qabaan Boordii WMO Obbo Abbaa Duulaa Gammadaan haasawaa taasisaniin, Waldaan Misoomaa Oromiyaa kan milkaa’eef waan uummanni Oromoo duukaa jiruufi jedhan.

Ciminaafi milkaa’ina mana barumsichaafis uummanni Oromoo galateeffamuu qaba jedhan,.

Dabalataanis, barattoonni mana barumsichaatti barattan imaanaan biyyaa kan isaan harka jiru ta’uu hubachiisuun barattoonni jabaatanii akka baratan dhaamsa dabarsaniiru.

Daarikteerri Olaanaan WMO Obbo Dajanee Itichaa gama isaaniin WMO’n waggoottan kurnan darban mana barumsa bultii Addaa dhaabuun dhaloota qaroo, naamusaa fi beekumsa goonfatan oomishaa jira jedhan.

Qaamolee gumaacha taasisanis galateeffataniiru.

Saganticharratti godinaalee fi aanaalee gumaacha taasisaniif sirni beekkamtii kennuu gaggeeffamuu ragaan WMO’rraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.