Fana: At a Speed of Life!

Manneen barnootaa 8 ijaarsi isaanii xumuramuun wal hakaa fuudhinsaa fi tajaajilaaf qophii ta’an – Waajjira Giiftii Duree

Finfinnee, Muddee 21, 2013 (FBC) – Manneen Barnootaa 8 Waajjira Giiftii Dureen ijaaraman xumuramuun wal harkaa fudhinsaa fi tajaajilaaf qophii ta’uu Waajjirri Giiftii Duree beeksise.
Waajjirichi manneen barnootaa adda addaa naannolee garaagaraa keessatti ijaarsisaa jiraachuu ibseera.
Manneen barnootaa kunneen naannoo Afaar Dubtii, Gaambeellaa godina Anyuwaak, Beenishaanguul Guumuuz magaalaa Asoosaa fi godina Matakkal, Naannoo Soomaalee magaalaa Jigjigaa, naannoo Amaaraa godina Goondar magaalaa Dabaarqii fi godina Waaghimraa aanaa Saahila Salaamitti ijaarramaa jiraachuu ibsameera.
Waajjirri Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo kana duras manneen barnootaa 5 xumursiisuun tajaajilaaf oolchuun isaa kan yaadatamuudha.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.