Fana: At a Speed of Life!

Manneen barnootaa fi walga’iiwwan adda addaa har’aa eegalee guyyoota 15 itti aananiif kan cufaman ta’e

Finfinnee, Bitootessa 7, 2012 (FBC) – Sababa Vaayrasii koroonaatin manneen barnootaa, sosochiiwwan ispoortii fi walga’iiwwan adda addaa har’aa eegalee guyyoota 15 itti aananiif kan cufaman ta’uu muummeen ministiraa FDRI Dooktar Abiy Ahimad beeksisaniiru.

Barattoota yuunvarsiititiif bakka jiranitti hordoffiin kan taasifamuuf ta’a.

Waltajjiiwwan xixiqqaan beekamtii fi hordoffii Ministeera Fayyaatin gaggeeffamuu akka qabanis ibsaniiru.

Meeshaaleen qulqullinaa, saamunaa, alkoolii fi kanneen biroon bal’inaan kan raabsaman ta’uun eerameera.

Meeshaaleen qulqullinaa kanneenis bakkeewwan namootaf qaqqabamoo ta’an kan kaa’aman ta’a.

Ityoophiyaatti namoonni vaayrasii koroonaatin qabaman 5 ga’aniiru. Namni shanaffaan Duubaayii kan dhufedha.

Dhiphina geejibaa hir’isuuf, konkolaattonni mootummaa, dhaabbilee fi namoonni dhuunfaa konkolaattota qabanis tumsa akka taasisan gaafataniiru.

Dhaabbileen amantaa hordoftoonni isaanii akkaataa ittiin walitti qabamanirratti of eeggannaa akka taasisan dhaamaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.