Fana: At a Speed of Life!

Manneen barnootaa kaleessaa itti barattan deeggarsa keessan barbaadu-MM Abiy Ahimad

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2015 (FBC)-Ityoophiyaa kallatti kamittuu kan barattan hundi manneen barnootaa kaleessaa itti barattan har’a deeggarsa keessan barbaadu jedhan Muummeen Ministiraa FDRI Abiy Ahimad.

Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad, hirmaannaa lammiilee fi dhabbilee hundaan sosochii biyyaalessaa “Barnoonni Dhalootaaf” jedhuun manneen barnootaa fi bu’uuraalee misoomaa manneen barnootaa fooyyessuu eegalchiisaniiru.

Sosochichi barattoonni duraanii, namoota bebbeekamoon, lammiileen Ityoophiyaa biyya alaa jiraatanii fi dhalattooni Ityoophiyaa, abbootiin qabeenyaa akkasumas kutaaleen hawaasaa bakka duraan itti baratanii fi hojiif bobba’anitti, bu’uuraalee misoomaa manneen barnootaa guutuuf gumaachaa kan taasisan ta’uun ibsameera.

Dhaabbileen Mootummaa fi dhuunfaa akkasumas tumsitoonni misoomaa, naannawaa bobba’aniitti manneen barnootaa argamaniif bu’uuraalee misoomaa guutuun ashaaraa isaanii kan kaa’an ta’uun eerameera.

Sosochicha kan jalqabsiisan Muummeen Ministiraa Abiy Ahimad, Ityoophiyaa kallatti kamittuu kan barattan hundi manneen barnootaa kaleessaa itti barattan har’a deeggarsa keessan barbaadu jedhan.

Barnoonni yoo babal’ate malee addunyaa borii keessatti dorgomaa ta’uun waan hindanda’amneef barnootaaf har’a waan nurraa eegamu bahachuu qabna jedhaniiru.

Sosochichi kan barbaachiseef Ityoophiyaa keessatti manneen barnootaa hedduun argaman sadarkaa isaanii gadi ta’uun ibsameera.

Ragaan Minsteeraa Barnootaa akka mul’isutti, waliigalaan manneen barnootaa Ityoophiyaa keessatti argaman %86 hojii baruuf barsiisuuf hanqina bu’uuraalee misoomaa barbaachisoo qabu.

Akksumas %71 kan ta’an mannee barnootaa sadarkaa 2ffaa bu’uuraaleen misoomaa hinguutamneef akka ta’e argisiisuudha.

Manneen barnootaa kunneen bu’uuraalee misoomaa akka bishaan dhugaatii qulqulluu, manneen fincaanii, elektirikii, galteewwan barnootaa fa’aan hanqinaalee eeraman keessaa ta’uun ibsameera.

Alaazaar Taaddalaatu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.