Fana: At a Speed of Life!

Manni amantichaa proojaktoota deeggarsaa lammiilee miiliyoona 7 ol fayyadamaa taasisu ifoomse

Finfinnee, Bitootessa 29, 2013 (FBC) – Manni Amantaa Kaatolikii Ityoophiyaa proojaktoota deeggarsaa lammiilee miiliyoona 7 ol fayyadamaa taasisu ifoomseera.
Manni amantichaa Birrii biiliyoona 2.8 ramaduun lammiilee deeggarsi barbaachisu fayyadamoo taasisuuf karoora qabachuu beeksiseera.
Bara faranjootaa qabannetti balaawwan namtolchee fi uumamaan lammiilee miidhamana deeggaruu fi nyaata dhiyeessuf irratti argamti jedhameera.
Manni Amantaa Kaatolikii Ityoophiyaa gama komishinii misooma hawaasumaan bara baajatichaattii dameewwan xiyyeeffannoo barbaadanirratti hojechaa jiraachuu ibseera.
Proojaktoota misoomaa cinaatti Birrii miiliyoona 40 sababa weerara vaayrasii koroonaan lammiilee miidhamaniif deeggarsi garagaraa akka tahuufi ramadeera.
Bara faranjoota darbetti Birrii biiliyoona 2.5 ramaduun proojaktoota 180 lammiilee miiliyoona 6 caalaan fayyadamoo taasisuu ragaan waajjira Mana Amantaa Kaatolikii Ityoophiyaa irraa arganne ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.