Fana: At a Speed of Life!

Manni Barnootaa Ifa Boruu Dugda Daawwaa ijaarsi isaa xumurame

Finfinnee, Eebila 18, 2013 (FBC) – Manni Barnootaa Ifa Boruu Dugda Daawwaa ijaarsi isaa xumurame.
Godina Gujii Lixaa aanaa Dugda Daawaa ganda Burqaa Arbichootti Manni Barnoota Ifa Boruu Dugda Daawwa Burqaa Arbichoo ijaarsi isaa yeroo qabameef dursee xumuramee jira.
Manneen barnootaa Proojaktii Ifa Boruutiin ijaaramaa jiran keessaa Manni Barnootaa Ifa Boruu Roobee, Ifa Boruu Malkaa Soddaa, Ifa Boruu Sabbataa Hawaasii fi Ifa Boruu Miyoo gabatee yeroo kaa’ame dursuun xumuramuun isaanii niyaadatama.
Akka Biiroon Dhimmoota Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa bekksiseetti, Manneen barnootaa proojaktii Ifa Boruutiin ijaaramaaa jiran hunda hanga Caamsaa 30, 2013tti xumursiisuuf deggrsaa fi hordoffii cimaan taasifamaa jira jedhameera.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.