Fana: At a Speed of Life!

Manni Barumsaa Goobanaa Buttaa Dabalee sadarkaa 1faan eebbifame

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2013 (FBC) –Magaalaa Finfinneetti Manni Barumsaa Goobanaa Buttaa Dabalee sadarkaa 1ffaan ijoollee Qonnaan bultoota misoomaaf kaafamaniif ijaarrame eebbifame.
Manni Barumsaa ijoollee qonnaan bultootaa misoomaaf kaafamaniif ijaarrame Galaan sadarkaa 1ffaa fi giddugalli horsiisa loonii qonnaan bultootaa guyyaa har’aa eebbifamaniiru.
Sirna eebbichaarratti itti aantuu kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee dabalatee hoggantoonni mootummaa olaanoon bulchiinsa magaalichaa argamaniiru.
Barattoota kuma 1 ol simatee barsiisuu danda’a jedhame.
Qonnaan bultoota magaalichaa sababa babal’ina magaalaan qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’an deebisanii ijaaruuf hojjetamaa jiraachuu aadde Adaanach ibsaniiru.
Kaartaa abbaa qabeenyummaa qabiyyee lafaa laachuu cinaatti manneen barnootaas hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Maddi:-DhPI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.