Fana: At a Speed of Life!

Manni Kitaabaa Abrihoot halkan keessaa hanga sa’aatii 6:00tti tajaajila kennuu eegaluufi

Finfinnee, Sadaasa 13, 2015(FBC)- Manni Kitaabaa Abrihoot guyyaa boruu irraa eegalee halkan keessaa hanga sa’aatii 6:00tti tajaajila kennuu eegaluuf qophiin xumuramuu  ibsame.

Manni kitaabichaa dhaloota dubbisu horachuuf gahee olaanaa qabaachuufi giddugala itti dhaloonni seenaa hojjetu ijaaramu ta’uu Daayrektarri mana kitaabichaa Injinar Wubaayyahu Maammoon eeraniiru.

Dhalloonni mariitti amanu kan ijaaramu dhaloonni dubbisu wayita uumamu ta’uu ibsaniiru.

Manni kitaabichaa kanaan dura ganama sa’aatii 2:00 –galgala sa’aatii 12:00tti tajaajila kennaa turuu yaadachiisuu TOI gabaaseera.

Bu’uura fayyadamtoonni manni kitaabichaa halkan keessaa hanga sa’aatii 6:00tti tajaajila akka laatuuf gaafataniin sa’aatiin manni kitaabichaa tajaajila itti laatu dheerachuu  eeraniiru.

Bifuma kanaan guyyaa boruu irraa eegalee manni kitaabichaa ganama sa’aatii 2:00 hanga halkan keessaa sa’aatii 6:00tti uummataaf banaa ta’uu ibsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.