Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Federeeshiinii fi Ministeerri Nageenyaa dhimmoota waloorratti waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsan

Finfinnee, Adoolessa 22, 2012 (FBC) – Manni Maree Federeeshiinii fi Ministeerri Nageenyaa dhimmoota waloorratti waliin hojjechuuf fedhii qabaachuu ibsan.
 
Manni maree federeeshinii fi ministeerri nageenyaa FDRI hojmaata waloorratti marii taasisaniiru.
 
Baniinsa marichaarratti haasawa kan taasisan Af yaa’iin mana maree federeeshinii obbo Adam Faaraahi dhimmoota dhaabbilee lamaanii furmaata waloo barbaadaan gadi fageenyaan ilaaluuf waliin hojjechuun murteessaa ta’uu ibsan.
Dhimmoota dhaabbilee lamaanii furmaata waloo barbaadan qorannoon adda baasuun bu’aa caaluu fiduuf waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu Ministirri Ministeera Nageenyaa aadde Mufariiyat Kaamiil ibsaniiru.
 
Dhaabbileen lamaanuu waldhabdee sababoota garaagaraan ummamanii fi walitti bu’iinsa ka’umsa godhachuun haaloota uummaman ittisuu fi furmaata hatattamaa laachuuf hoggantoonni murannoo cimaa qabaachuu ragaan Mana Maree Federeechii FDRI irraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.