Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaalessaa walga’ii ariifachiisaa gaggeesse

Finfinnee, Guraandhala 30, 2015(FBC)- Manni Maree Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaalessaa Waajjira Muummee Ministiraatti walga’ii ariifachiisaa gaggeesseera.

Sababa jijjiirama qilleensaan waqtiiwwan roobaa shanan darbanitti hanqina roobaa mudateen kibba, kibba bahaafi kibba lixa Ityoophiyaatti hongeen mudachuun rakkoolee hedduu qaqqabsiisuu eerameera.

Mootummaan federaalaafi naannoleen uummataafi dhaabbilee deeggartootaa waliin ta’uun rakkichaaf deebii barbaachisaa kennuuf tattaaffii olaanaa taasisuu ibsameera.

Gama biraan sababoota nam-tolcheen dhimmi lammiilee buqqa’anii xiyyeeffannoo biraa kan barbaadu ta’uu addeeffameera.

Guyyaa har’aas Manni Maree Hoggansa Sodaa Balaa Biyyaalessaa Waajjira Muummee Ministiraatti walga’ii ariifachiisaa gaggeessuu ibsameera.

Manni marichaa gabaasa haala hongechaa, hanga miidhaa qaqqabeefi hojiilee hojjetamanii haalaan gamaaggamuu ibsameera.

Ciminootaafi hanqinaalee jiran adda baasuu kan ibsame yoo ta’u, hojiilee yeroo gabaabaafi dheeraa akasumas misooma waaraarratti hojjetaman adda baasuun qindoominaan hojjechuuf kallattiin taa’eera jedhame.

Keessumaa hojiilee baatiiwwan 4 dhufanitti hojjetaman eeruun dhiyeenyatti gamaaggamaa hojjechuuf murteessuu ragaan Waajjira Muummee Ministiraarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.