Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Ministirootaa walga’ii gaggeesseen murtoowwan garaagaraa dabarse

Finfinnee, Ebla 9, 2016 (FBC)- Manni Maree Ministirootaa Walga’ii idilee 30ffaa gaggeesseen dhimmoota garaagaraarratti mari’achuun murtoo dabarseera.

Manni marichaa wixinee labsii hojjettootaa mootummaa federaalaarratii kan mari’ate yoo ta’u, imaammata tajaajilaa fi bulchiinsa mootummaa, walga’ii idilee mana marichaa 29ffaarratti ragga’e bu’uureffachuun raawwiif akka mijatutti kan qopha’e ta’uun ibsameera.

Dabalataan wixineen labsichaa labsii bara 2010 hojiirra ooleen adeemsi raawwii isaa ilaalmee hanqinaalee adda baasuun, keessumaa bulchiinsa hojjettoota mootummaa bilisa, walaba, saffisaa, qaqqabamaa fi itti fufiinsa kan qabu, akkasumas, itti gaaftamummaa irratti hanqinaalee mul’atan furuuf, hojmaata yeroo waliin tarkaanfatu diriirsuuf haala dandeessisuun labsichi qophaa’uun dhiyaateera.

Haaluma kanaan manni marichaa wixinee labsichaarratti mari’achuun Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti qajeelcheera.
Kana malees, manni marichaa wixinee imaammataa ce’umsaa haqaarratti mari’ateera.

Biyyattitti yeroo garaagaraatti sarbama mirga namoomaa, walitti bu’iinsa, seenessii addaa hinbaafamne fi miidhaawwan mudataa turan furuuf yaaliiwwan garaagaraa taasifamuun eerameera.

Ta’us, hojmaata kanneen haqaan, beekumsaan, dhiifamaa fi araaraarratti kan hundaa’ee fi imaammata beekamaadhaan kan hogganamu, tooftaa ce’umsa haqaa hundagaleessa, hirmaachisaa, mirga namoomaarratti xiyyeeffachuun qindoominaan hojiirra waan hinoolleef, furmaata waaraa barbaadamu argamsiisuu akka hindandeenye himameera.

Kanaaf, adeemsa ce’umsa haqaa karaa gurmaa’een, haala qindaa’ee fi bu’a qabeessa haala ta’een sadarkaa biyyaalessaatti hogganuu fi hojiirra oolchuun akka danda’amutti wixineen imaammataa qophaa’uun mana mrichaaf dhiyaateera.

Manni marichaas wixinee imaammatichaarrati mari’achuun guyyaa raggaasifamee eegalee akka hojiirra oolu sagalee guutuun murtoo dabarseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.