Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree naannoo Afaar yaa’ii idileesaa gaggeessuu eegale

Finfinnee, Hagayya 4, 2012 (FBC) – Manni Maree naannoo Afaar yaa’ii idilee 10ffaa bara hojii 5ffaa magaalaa Samaraatti gaggeessuu eegaleera.
 
Preezdaantiin naannoo Afaar obbo Awwal Arbaa, gabaasa raawwii hojii bara 2012 mana marichaaf dhiyeessaniiru.
 
Bara baajataa darbetti rakkoolee hawaasummaa fi diinagdee hawaasa horsiisee bulaa furuuf hojii jajjaboon raawwatamuu ibsaniiru.
 
Walitti bu’iinsa hawaasa ollaa waliin uumamee ture furuuf hariiroo ummataa cimsuurratti hojiin hojjetame bu’aa gaarii argamsiisuu himaniiru.
 
Daddabarsa meeshaalee waraanaa seeraan alaa too’achuuf hojii hojjetameen meeshaaleen waraanaa hedduun too’atamu ibsaniiru.
 
Uwwisa fayyaa, barnootaa fi waliin ga’iinsa bishaan dhugaatii qulqulluu irratti hojiin raawwatame jajjabeessaa ta’uus kaasaniiru.
 
Yaa’iichi turtii guyyoota sadiin booda baajata bara 2013 fi muudamoota dhiyaatan ni mirkaneessa jedhamee eeggama.
 
Maddi:-TOI
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.