Fana: At a Speed of Life!

Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa ajjeechaa obbo Girmaa Yeshiixilaan gaddi itti dhagahamuu ibse

Finfinnee, Eebla 20, 2015(FBC)- Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa ajjeechaa Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Amaaraa obbo Girmaa Yeshiixilaan gaddi itti dhagahamuu ibseera.

Obbo Girmaan jijjiiramaafi misoomaa uummataafi naannoo isaaniif akkasumas guddina biyyaaf gahee mataasaanii bahachaa turuu manni marichaa ibsasaan eereera.

Wareegamni lubbuufi dhiigaa ijoolleen biyyattii bilisummaa, haqummaa, diimookiraasii, birmadummaafi kabaja daangaa akkasumas nageenya biyyaaf kaffalaniifi kaffalaa jiran Ityoophiyaafi uummatasheen kan yaadatamuufi leellifamu ta’uu ibsameera.

Rakkoolee siyaasaafi garaagarummaa ilaalchaa jiran wal ajjeesuun jijjiiruufi sirreessuun kan hin danda’amne ta’uu manni marichaa ibsa isaan yaadachiiseera.

Walitti bu’iinsota hidda gadi fageeffatanis yoo ta’e jeequmsaan osoo hin taane mariifi waliigalteen furamuu akka qaban eerameera.

Manni marichaa ajjeechaa obbo Girmaa hadheeffatee kan balaaleffatu ta’uufi mootummaan qaamolee gocha badaa raawwatan hatattamaan to’annaa jala oolchuun itti gaafatamummaa seeraa akka mirkaneessu gaafataniiru.

Manni marichaa ajjeechaa obbo Girmaa Yeshiixilaan gaddi itti dhagahamuu ibsuun, uummata Ityoophiyaa maraaf, mootummaafi uummata naannoo Amaaraaf akkasumas maatiifi firoottan isaaniif jajjabina hawweera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.