Fana: At a Speed of Life!

Manni Marichaa guyyaa boruu walga’ii Idilee 2ffaa bara hojii 1ffaa ni gaggeessa

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2014 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Uummataa walga’ii idilee 2ffaa bara hojii 1ffaa marsaa 6ffaa guyyaa boruu kan gaggeessu ta’uu beeksiseera.

Walga’chaan yaada murtoo miseensota koree gorsituu dhimmoota mana maree moggaasuuf dhiyaate qoratee raggaasisa jedhameetu eegama.

Kana malees, ramaddii kaadhimatoota hooggansaa fi miseensota koree dhaabbii akkasumas yaada murtoo gurmaa’insaa, raawwii fi itti gaafatamummaa koree dhaabbii mana marichaa  murteessuuf ba’e qoratee kan raggaasisu ta’uu ibsameera.

Manni marichaa qaboo yaa’ii walga’ii idilee 1ffaa bara hojii 1ffaa raggaasisuun walga’icha kaneegalu ta’uu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataarraa argame ni muul’isa.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.