Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa itti gaafatamummaa heerri mootummaa lateen bifa adda ta’een ba’achuuf riifoormi waliigalaa taasisuuf adeemsarra jiraachuu ibse

Finfinnee, Onkololeessa 21, 2013 (FBC) – Manni marichaa itti gaafatamummaa heerri mootummaa lateen bifa adda ta’een ba’achuuf riifoormi waliigalaa taasisuuf adeemsarra jiraachuu ibse

Manni Maree Fedeeshinii itti gaafatamummaa heerri mootummaa lateen bifa adda ta’een ba’achuuf kan dandeessisu riifoormi waliigalaa taasisuuf adeemsarra jiraachuu ibseera.

Manni marichaa haala amma jiru ga’ee isaa ba’achuuf kan dandeesisurra jiraachuu ibsuun riifoormii dhaabbii taasisuuf barbaachisaa ta’uu Af-yaa’iin Mana Maree Federeeshinii obbo Adam Faraah ibsaniiru.

Riiformichi xiyyeeffannoo bu’uuraa 4 irrattii kan xiyyeeffatedha.

Tokkummaa biyyaalessaa fi nageenya waaraa ijaaruu, ce’umsa fiisikaalaa bu’aa qabeessa, qoodinsa qabeenyaa haqa qabeessa mirkaneessu, olantumaa heera mootumaa fi mootumummaa mirkaneessuu akkasumaas ijaarsawwaan dandeetti raawwachiisumaa dhaabbii akka argamu Af-yaa’ichi hubachiisaniiru.

Qorannoon riiformii taasisuu barbaachisu Yuunivarsiitii Finfinneen kan gaggeeffamu yoo ta’u, xiyyeeffannoo bu’uuraa 4 irratti xiyyeeffachuun ta’uu ibsaniiru.

Qorannichi baatii lama keessatti xumuramee laachuuf akka hojjetamuu yuunivarsiitichi ibseera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.