Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa sagantaa bu’uuraalee misoomaa fi dhaabbilee magaalichaa raawwachiisuuf Birrrii miiliyoona 209 raggaasiise

Finfinnee, Onkololeessa 1, 2014 (FBC) – Manni maree naannoo hararii walga’ii guyyaa har’aa gaggeesseen baajata kaappitaalaa bara 2014 qorachuun sagaalee guutuun mirkaneessera.

Manni marichaa sagantaa ‘UIIDP’ proojektoota bu’uuraalee misoomaa fi dhaabbilee magaalichaa raawwachiisuuf Birrrii miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 9 ol sagalee guutuun raggaasiiseera.

Birriin miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 44 proojektoota bara 2013 eegalaman raawwachiisuuf kan oolu yoo ta’u, Birrii miiliyoonni 64 ammoo proojektoota bara 2014 keessa eegalaman 3 raawwachiisuuf kan oolu ta’uu ragaan Biiroo Dhimmoota Kominikeeshinii naannoo Harariirraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.