Fana: At a Speed of Life!

Manni Marichaa waliigaltee Ityoophiyaan Jibuutii fi Ruwaandaa waliin namoota yakkaan barbaadaman dabarsanii walii laachuu mirkaneesse

Finfinnee,Waxabajjii 18,2012 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa labsii waliigaltee Ityoophiyaan Jibuutii fi Ruwaandaa waliin namoota yakkaan barbaadaman dabarsanii walii laachuu mirkaneesse.
 
Manni marichaa walga’ii idilee 17ffaa bara hojii 5ffaasaa galma Walga’ii Waajjira Muummee Ministiraatti gaggeessera.
 
Miseensota Koomiishinii Araaraa hir’atan guutuuf kaadhimamtoota muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadirraa dhiyaatan 5(Reevnaand Darajjee Jambaruu, obbo Dammallaash Yaadatee, Dooktar Izraa Abaataa, aadde Faaxumaa Hasee, Gaaraad Kulmee Mahaammad) raggaasiseera.
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa labsii waliigaltee Ityoophiyaan Jibuutii fi Ruwaandaa waliin namoota yakkaan barbaadaman dabarsanii walii laachuu mirkaneesse.
Alaabaa, faaruu fi guyyaa Afrikaarratti wixinee dhiyaaterratti mari’achuudhan raggaasiseera.
 
Dabalataan manni marichaa wixinee waliigaltee gurgurtaa meeshaalee idil addunyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniirrattis mari’achuudhan raggaasiseera.
 
Wixinee fooyyessa hojiilee albuudaa, idaa addaa mootummaa, babal’isuu hojii invastimantii Ityoophiyaa fi Kwaataar irrattis mari’achuun mirkaneessera.
 
Weerara vaayrasii koroonaarratti labsii yeroo ariifachiisaa labsame tumsuuf, raawwii imaammata misoomaa dorgomtummaaf waliigaltee liqaa mootummaa Ityoophiyaa fi dhababilee idil addunyaa jidduutti mallattaa’e raggaasiseera.
 
 
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.