Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa wixineewwan labsii raggaasise

Finfinnee, Muddee 14, 2012 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa walga’iisaa har’a gaggeessen labsiiwwan adddaarratti ega mari’ateen booda raggaasise.

Manni marichaa walga’ii idilee bara hojii 5ffaasaa har’a gaggeessera.

Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa wixinee labsii mana amala sirreessaa federaalaa fi wixinee labsii waliigaltee dabarsa sarara gaazii uumamaa mootummaan FDRI fi mootummaan Jibuutii irra ga’anirrattis mari’atee raggaasiseera.

Wixinee labsii mana amala sirreessaa federaalaarratti koreen dhaabbii dhimmoota seeraa, haqaa fi demokraasii mana marichaatif ibsa laatera.

Wixinee labsii waliigaltee dabarsa sarara gaazii uumamaa mootummaan FDRI fi mootummaan Jibuutii irra ga’anirratti ammoo koreen dhaabbii dhimmoota qabeenya uumamaa, jallisii fi inarjii ibsa laatera.

Waliigaltichi bifa faayidaa Ityoophiyaa kabachiisen kan qophaa’e ta’uun ibsameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.